Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli wal’aansa bilisaa Hospitaala Zawudiituutti eegale

Finfinnee, Hagayya 16, 2014 (FBC) – Tajaajila lammummaan tajaajila wal’aansa bilisaa kennuuf mata duree “Gaarummaa fayyummaa keenyaaf” jedhuun Hospitaala Yaadannoo Zawudiituutti eegaleera.

Hogganaan Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Yohaannis Caalaa, harka qalleeyyii umriin isaanii waggaa 50 olii kutaalee magaalatti hundarraa baba’aniif torban tokkoof kan turu, tajaajilli wal’aansa bilisaa kan kennamu ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila lammummaa magaalattiitti gaggeeffamuun harka qalleeyyii kuma 17 ol tajaajilicha akka argatan dubbataniiru.

Deetaan Ministiraa Ministeeraa Fayyaa Ayyalaa Tashooma gama isaaniin, sadarkaa biyyaalessatti tajaajilli lammummaan tajaajila wal’aansa bilisaa harka qalleeyyii kuma 100’f kennuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhaniiru.

Gama biraatiin Naannoo Harariittis tajaajilli wal’aansaa fi qorannoo fayyaa tolaa kennamuu eegaleera.

Pireezidantiin Naannichaa Obbo Ordiin badrii, sagantaa kanaan lammiilee kaffalchuu hindandeenyeef tajaajilli wal’aansaa fi qorannoo bilisaa kan kennamu ta’uu ibsaniiru.

Fuuldurattis hojiileen tajaajila tola ooltummaa dameewwan biroorratti cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Hogganaan Biroo Fayyaa Naannichaa Yaasiin Abdullaahii gama isaanin, tajaajilichi kutaalee hawaasaa harka qalleeyyii fi kanneen daandiirra jiraatan lammiilee kuma 5 fayyadamtoota kan taasisuudha jedhan.

Tajaajilli tola ooltummaa kun har’a Hagayya 16-21, 2014tti kan kennamu ta’uun lammiileen fayyadamtoota tajaajilichaa akka ta’an waamichi dhiyaateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.