Fana: At a Speed of Life!

Sudaan labsii yeroo ariifachiisaa labsite

Finfinnee, Hagayya 16, 2014 (FBC) – Sudaan sababa balaa lolaan naannoo 6 keessatti labsii yeroo ariifachiisaa labsiteerti.
Manni Maree Ministirootaa biyyattii walga’ii har’a gaggeesseen bulchiinsoota naannawaa Laga Naayiil, Gaziiraa, Abbaayyaa Adii, Lixa Koordoofaan, Kibba Daarfuulii fi Kaasaalaan jedhaman dabalatee naannoo 6 keessatti of eeggannoof jecha labsii yeroo ariifachiisaa labsiteerti.
Biyyattiitti Rooba cimaa Roobaa jiru hordofee balaan lolaa mudatu dabalaa dhufuu isaaniin murtoon kun darbuu ibsameera.
Manni Maree Biyyaalessaa Eeggumsaa Siiviilii Sudaan gabaasa guyyaa kaleessaa baaseen hanga ammaatti namoonni 80 ol balaa lolaan du’uu ibseera.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ammoo Baatii Waxabajjii jalqabee hanga ammaatti Sudaanitti namoonni 136 balaa lolaan lubbuu dhabuu CGTN gabaaseera.
Odeefannoo dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.