Fana: At a Speed of Life!

Aqaaqiitti pirojektoonni 158 Birrii miiliyoonaa 349’n ijaaraman eebbifaman

Finfinnee, Hagayya 14, 2014(FBC)- Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti pirojektoonni garaagaraa 158 Birrii miiliyoona 349 ijaaraman eebbifamaniiru.

Pirojektoonni kunneenis, giddugala dargaggootaa, kuusaa yeroo balfa goggogaa, mana jireenyaa miseensota poolisii, dhaabbilee fayyaa fi barnootaa fi kanneen biroon, eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’aniiru.

Sirna eebbaa kanarratti Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dabalatee hoggantoonni kutaa magaalichaa argamuu ragaan Waajjira Kantiibaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.