Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni sanada waliigaltee Naayiil hinraggaasisne akka raggaasisan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Hagayya 14, 2014(FBC)- Sanda waliigaltee fayyadamummaa waloo biyyoonni miseensota yaa’a Laga Naayila raggaasisan biyyoonni hinraggaasisin jiran akka raggaasisan Ityoophiyaa fi Ugaandaan waamicha dhiyeessan.

Taanzaaniyaa, dareesalamitti Yaa’iin Ministiroota Yaa’a Laga Naayil gaggeeffameera.

Yaa’icharratti Ministirri Ministeeraa Bishaanii fi Inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaa fi Ministirri Bishaanii fi Eegumsa Naannawaa Ugaandaa Saam Chaaptoriis hirmaataniiru.

Yaa’icha ilaalchisuun Taanzaaniyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Shibbiruu Maammoo akka ibsanitti, waamichicha kan dhiyeessan Ityoophiyaa fi Ugaandaan, biyyoonni yaa’ichaa koomishiinii misooma waloo biyyoota yaa’a Laga Naayiil guddisuuf akka hojjetan ibsaniiru.

Yaa’icharratti akka eerametti Ijibtiirraan kan hafe biyyoonni yaa’ichaa hundi tokkummaan hojjechuuf waliigalaniiru.

Yaa’iin Ministiroota Yaa’a Laga Naayil Taanzaaniyaa, Daaresalaamitti gaggeeffamaa tures xumuramuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.