Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni Piriimayer Liigii Ingilaandi torbee 3ffaan Boruu eegale ni taphatamu

Finfinnee, Hagayya 13, 2014 (FBC) – Taphoonni Piriimayer Liigii Ingilaandi torbee 3ffaan Boru sa’aatii 8:30 eegalee ni taphatamu.
Taphni torbee 3ffaa kun boru waaree booda sa’aatii 8:30 jalqabee tapha Tootanhaam Hootispar Woolvarhamptoon waliin taphataniin eegalama.
Tapha Boornimaawuuz Arsenaal waliin galgala sa’aatii 1:30 irraa eegalee taphatan dabalatee guyyaa boruu taphoonni 6 ni gaggeeffamu.
Dilbata tapha Liidis Yuunaayiitiid Cheelsii waliin sa’aatii 10:00 jalqabee taphatu dabalatee taphoonni 3 ni gaggeeffamu.
Wiixata halkan sa’aatii 4:00 irraa eegalee taphni Maanchiisteer Yuunaayiitiid fi Liivar Puul gidduutti taphatamu xiyyeeffannoo olaanaa argateera.
Maanchiisteera taphoota lamaan torbee 1ffaa fi torbee 2ffaa taphateen injifatamuun qabxii tokko malee sadarkaa 20ffaarratti yoo argamu,Liivar Puul taphoota lamaanuu qixa ba’uun qabxii 2 sadarkaa 12ffaarratti argama.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.