Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin Mana Maree Ministiroota Yaa’a Laga Naayil biyyoota Baha Afrikaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 12, 2014 (FBC) – Walga’iin Mana Maree Ministiroota Yaa’a Laga Naayil biyyoota Baha Afrikaa 34ffaan Taanzaaniyaa Daaree Salaamitti gaggeeffamaa jira

Walga’icharratti Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittifaan hirmaataniiru.

Biyyoota miseensa yaa’ichaa rakkoon Teeknika naannawaa muudatus, hojiin sagantaa Invastimantii waliin ga’uu, ijaarsa dandeettii, saayinsii fi imaammatarratti mariin jajjabeessan hojjetamuu ministirichi eeraniiru.

Biyyoonni miseensichaa misooma laga naayiliif tumsii fi murannoon qaban murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaa, Ijipti, Sudaanii fi Sudaan Kibbaa biyyoota miseensa Yaa’a Laga Naayil Afrikaa Bahaa ta’uun isaanii ni yaadatama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.