Fana: At a Speed of Life!

Balaa Ibidda Bosonaa Aljeeriyaatti muudateen lubbuun namoota 26 darbe

Finfinnee, Hagayya 12, 2014 (FBC) – Balaa Ibidda Bosonaa Kaaba Aljeeriyaatti muudateen yoo xiqqaate lubbuun namoota 26 darbuu fi hedduurra miidhaan qaamaa qaqqabuu ibsameera.

Ministira dhimma biyya keessaa Aljeeriyaa Kameel Beljuud haadhaa fi Intala dabalatee namoonni 24 bakka Eel Tarf fi Seetiif jedhamtutti lubbuu darbuu himaniiru.

Hojjettoonni ittisa balaa ibiddaa, deeggarsa heliikooptarootaatin hanga galgala kaleessaa Ibiddaa kana dhaamsaa turuu eeraniiru.

Jiraattonni 350 ta’an kutaa bulchiinsaa hedduu keessaa iddoo biraatti baqataniiru.

Ibidda kaleessaa dabalatee waqtii bonaa kana namoonni balaa Ibidda Bosonaan lubbuu dhaban 30 gahaniiru.

Bona kana keessatti balaan Ibidda bosonaa biyyoota hedduu raasaa jira – keessattuu Awurooppaa, Faransaay,Giriik, Poortugaal, Ispeenii fi Xaaliyaanii isaan muraasa.

Maddi:- BBC

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.