Karoora daldala alaa milkeessuuf xiyyeeffannaan hojjetama-Ministeericha
Finfinnee, Hagayya, 9, 2014(FBC)- Alergitootaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun karoora daldala alaa qabame milkeessuuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsi Naannawaa ibse.
Ministeerichi alergitoota midhaan dheedhii fi zayiitaa waliin galii daldala alaa guddisuuf mari’ateera.
Bara baajatichaatti karooraa daldala alaa qabame milkeessuuf hojiilee hojjetamaniin galiin Doolaarri biiliyoona 4.12 argamuu ibsameera.
Galicha keessaa miiliyoona 906 kan ta’uu dameewwan ministeerichi hordofuun ta’uu eerameera.
Bara 2015’ttis galii Doolaara biiliyoona 5.4 argamsisuuf karoora qabame milkeessuuf, rakkoolee damechaa furuu fi alergitootaa daldalaa alaa hirmaachisuun xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu Deetaan Ministiraa Miisteera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Kaasahuun Gofee ibsaniiru.
Bara 2015 baatii jalqabaa midhaan zaayitaarraa galiin %136 argamuu himuu isaanii ragaan ministeerichaarraa argame ni mul’isa.
Kunis bara baajatichaatti karoora qabame milkeessuuf tattaffiiwwan taasifamaa jiran bu’aa qabeessa taasisuu danda’a jedhameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.