Qaamoleen Hidha Haaromsaaf deeggarsa taasisan galateeffataman
Finfinnee, Hagayya, 9, 2014(FBC)- Ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaaf qaamolee deeggarsa taasisaniif waltajjiin galataa fi aadaa Ityoophiyaa beeksisuu Jaappaan Bulchiinsa Kanagawaatti gaggeeffameera.
Qophicharratti kan argaman Jaappaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Tafarraa Darriboo, guutiinsa bishaanii hidhichaa marsaa 3ffaan milkaa’uutti gammachuu isaanii ibsuun, annisaa maddisiisuu jalqabuu fi gahee biyyootaa yaa’ichaarratti ibsa kennaniiru.
Qaamolee guutiinsi bishaanii marsaa 3ffaa akka milkaa’uu fi tarbaayiniin 2ffaan annisaa elaktirikii akka maddisuuf gumaacha taasisan galateeffataniiru.
Waltajjiin aadaa beeksisuu kun hariiroo biyyootaa lameenii caalmaan kan cimsu ta’uu Amaasaaddara Tafaraan himaniiru.
Sagantaa kanarratis aadaan buna danfisuu, nyaatni aadaa fi dhugaatiin garaagaraa dhiyaataniiru.
Waltajjii kanarratti Ityoophiyaatti Ambaasaaddaraa Duraanii Jaappaan Daayisuukee Maatisunaganiin dabalatee Ityoophiyaanonnii fi michuuwwan Ityoophiyaa hirmaachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaa argame nu mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.