Oromiyaatti ruuziin hektaara kuma 100’rratti misoomaa jira jedhame
Finfinnee, Hagayya 9, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti barana ruuziin hektaara kuma 100 olirratti misoomaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa ibse.
Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Abarraa Warquu akka ibsanitti, naannichatti oomishaa fi omishtummaa qonnaa dabaluuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.
Haaluma kanaan bara oomishaa 2014/2015’tti yeroo jalqabaatiif oomisha ruuzii bal’inaan oomishuuf karoorafamee lafa hektaara kuma 100 irratti misoomaa jiraachuu ibsaniiru.
Oomishni kunis Godinaalee Iluu Abbaa Boor, Jimmaa, Wallaggaa fi Buunnoo Beddelleetti gaggeeffamaa akka jiru ibsaniiru.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.