Hoggansi guddina magaalotaaf qindoominaan hojjechuu qaba jedhame
Finfinnee, Hagayya 9,2014 (FBC)- Hoggansi guddina ariifachiisaa magaalotaaf kutannoon, amanamummaafi qindoominaan hojjechuu akka qabu Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii yaadachiisan.
Ministeerri Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa hoggantoota mootummaa federaalaa, hoggansaafi kantiibota magaalaa akkasumas qaamolee dhimmamtootaa waliin raawwii karoora nbara 2014fi karoora sektaraa bara 2015 irratti marii gaggeesseera.
Hojimaatilee ammayyaa teekinooloojiin deeggaraman dameelee hunda keessatti hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu Aadde Caaltuun ibsaniiru.
Bara baajatichaatti damee indaastirii ijaarsaa dorgomaa taasisuuf hojiin deeggarsaafi hordoffii taasifamuu ragaaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
Dabalataanis magaalota hunda waliin ta’uun lammiilee waraanaafi rakkoo nageenyaan miidhamaniif deeggarsa garaagaraa taasisuu, sagantaa ashaaraa magariisaa hojiirra oolchuu, filannoowwan ijaarsa manneenii garaagaraa dhiyeessuun magaalonni galiisaanii akka guddisaniif hojiilee hedduun hojjetamuu eeraniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.