Fana: At a Speed of Life!

Filannoo naannawaarratti mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 9,2014 (FBC)- Boordiin Filannoo Biyyaalessaa  marii filannoo naannawaa gaggeessuuf dandeessisurratti qaamolee dhimmamtootaa waliin mari’achaa jira.

Qorannoo boordichi qophii filannoo marsaa 5ffaa biyyattiitti gaggeeffamuu irratti qorachiise irratti mari’achuuf paartileen siyaasaa garaagaraafi qaamoleen dhimmamtootaa 160 ta’an hirmaataniiru.

Walitti qabduun boordichaa Burtukaan Miidhaksaa haasawaa waltajjicharratti taasisaniin, filannoon naannawaa ga’ee olaanaa qabaachuu kaasuun, filannicha gaggeessuufi muuxannoo gaarii biyyoota guddachaa jiran irraa fudhachuuf waltajjichi qophaa’uu ibsaniiru.

Filannicha naannoleetti raawwachiisuuf, rakkooleen mudataniifi mudachuu malan marichaaf akka galteetti kan ka’an ta’uu dubbataniiru.

Filannoon naannawaa sadarkaa biyyaalessaatti gaggeeffamu gandarraa eegalee hanga aanaafi godinaatti lammiileen bakka bu’ootasaanii filachuun sirna diimokiraasii kan itti cimsan ta’uu eeraniiru.

Tsaggaayee Wandwasantu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.