Naannoo Amaaraatti daddabarsitoonni meeshaalee waraanaa to’ataman
Finfinnee, Hagayya 8, 2014 (FBC) – Naannoo Amaaraatti guyyootaa 45’f hordoffii daddabarsitootaa meeshaalee waraanaa seeraan alaarratti gaggeeffamaa tureen namoonni shakkaman to’annoo jala ooluun eerame.
Bulchiinsa Godina Addaa Saba Oromoo Aanaa Arxuu Fursii hanga Godinaa Walloo Kaabaa Waldiyaatti namoonni meeshaalee waranaa seeraan alaa daddabarsa turan, duula gaggeeffameen to’annoo jalaa oolfamuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.
Ajajaan Kutaa Olaanaa Reejimantii 5ffaa Humna Addaa Amaaraa Inispeektara Olaanaa Mitikkuu Mollaa akka ibsanitti, duula gaggeeffameen meeshaleen waraanaa seeraan alaa to’ataman garee ABUT fi Shaneef dabarfamuuf turan.
Gochaan seeraan alaa kunneen konkolaatota manaa, ambulaansii fi konkolaattota biroon kan raawwatamaa turan ta’uu ibsaniiru.
Duula gaggeeffameen dishqaa 2, bireenii 1, kilashinkoovii dachaatuu 1, shugguxii istaar 1, rasaasa kilaashi 340, rasaasa bireenii 5, rasaasa shugguxii 12, baattuu rasaasa kilaasii 4 , baattuu rasaasa shugguxii 1, konkolaataa manaa suuzuukii fi Birriin kumni 185 to’atamuu AMC’n gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.