Shaashamanneetti maallaqni biyyoota alaa Birrii miiliyoona 4.8 olitti tilmaamamu to’atame
Finfinnee, Hagayya 8, 2014 (FBC) – Qajeelchi Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee maallaqa biyyoota alaa seeraan alaa daddabarfamaa ture Birrii miiliyoona 4.8 olitti tilmaamamu to’achuu beeksise.
Qajeelchichatti Itti Aanaan Daarektara Waajjira Poolisii Aanaa saddaffa Inispeektara Olaanaa Abdujabbaar Usmaan akka himanitti, maallaqni kuni maallaqa biyya alaa konkolaataan fe’amee Finfinneerra gara Moyyaalee geejjibamaa ture.
Eeruu ummataa fi qindoomina qaamolee nageenyaan to’atamuu himaniiru.
Maallaqni kun Yuuroo kuma 77 fi 665, Paawundii Ingiliizii kuma 11 fi 110 yoo ta’u, Birriitti wayita sharafamu Birrii miiliyoona 4 fi kuma 868 fi 262 olitti tilmaamamu ta’uun ibsameera.
Daddabarsi maallaqa seeraan alaa diinagdee biyyaa miidhaa waan jiruuf hawaasni eeruu kennuun qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuu akka qabu Inspeektara Olaanaan Abdujabbaar Usmaan waamicha dhiyeessaniiru.
Geetaachoo Mul’ataatu gabaase
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.