Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Oromiyaa milkaa’ina Ashaara Magariisan argameef galata dhiyeesse

Finfinnee, Hagayya 8, 2014 (FBC) –Milkaa’ina Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Naannoo Oromiyaatti argameef Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa galata dhiyeessaniiru.

Ergaa Galataa Obbo Shimallis Abdiisaa dabarsan akka ittaanutti dhiyaateera.

Ummanni ashaaraa isaa dhalootaaf kaa’u ummata seena qabeessa.

Ummanni seena qabeessi baraan yaadatama, bara baraan jiraata.

Ummanni keenya hojii seena qabeessa gama hundaan galmeessaa jiruun biyya keenyatti kabaja horaa jira.

Akka mootummaatti hojiiwwan guguddaa leecalloo olaanaa barbaadan koorsinee wayita hojiitti seennu, baajata mootummaa fi caasaa mootummaa qofaan raawwachuuf osoo hintaane humna, beekumsaa fi gamtaa ummata keenya abdanneeti.

Injifannoon hirmaannaa ummata keenyaan argame sirrummaa kaaroora keenyaa mirkaneesseera.

Ummanni Oromoo ummata wareegama qaalii ‘lukkuu hanga lubbuutti’ kaffalee birmadummaa biyyaa kabachiisee, bonaan qamadii misoomsee diinagdee biyyaa waraanaan miidhame dandamachiise, ummata jaalalaaf malee qormaata kamiifuu hin jilbeeffanne ta’uu agarsiisaa jirudha.

Bara kana karoora Ashaaraa magariisaa qabame milkeessuuf akka naannoo keenyaatti biqiltuu biiliyoona 4.35 dhaabuuf karoorsinee hanga ammaatti biqiltuu biiliyoonni 4.39 dhaabachuu kan danda’e hirmaannaa ummanni keenya taasiseen waan ta’eef maqaa kootiif maqaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galatoomaa jechuun barbaada.

Ashaaraa magariisni dhimma egeree dhalootaati.

Hojiin kun milkaa’inaan xumuramuun isaa ummanni naannoo keenyaa ummata biyya isaa jaallatu qofa osoo hintaane imala badhaadhinaa hunda galeessaa milkeessuuf mootummaan taasisaa jirru dhugoomsuudhaaf duudhaasaa ganamaa fayyadamee raajii hojjechaa jira.

Milkaa’ina argame itti fufsiisuun galma barbaadameen gahuuf:- 1ffaa biqiltuun dhaabame kunuunfamuu qaba.

2ffaa, maddoota bishaanii kanaan dura goganii amma burquu eegalan mirgisiisuuf dhimmi hojii misooma sululaa eegalame cimee itti fufuu qaba.

3ffaa hojii duula ashaaraa magariisaa eegallee karaa jijjiirama waaraa fiduu danda’uun lafa qabsiisuun murteessaa waan ta’eef, biqiltuun bara dhufu dhaabamu gamanumaa qopheessuun barbaachisaa ta’uu isin yaadachiisuun fedha.

Tokkummaa fi hirmaannaa hundagaleessaa ummata keenyaan tulluu hiyyummaa diignee, yeroon badhaadhina hundagaleessa itti dhugoomsinu fagoo miti.

Shimallis Abdiisaa, Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Finfinnee,

Hagayya 8, 2014

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.