Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa Afrikaa Bahaa waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 6, 2014 (FBC) – Deetaan Ministiraa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo Dhaabbataa Mootummoota Gamtoomanitti Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa Afrikaa Bahaa Daani’eel Indiriis waliin mari’atan

Marii isaaniin Ityoophiyaatti dhimmoota deeggarsaa namoomaa cimsuu dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Burtukaan lammiileef deeggarsi walirraa hincinne akka qaqqabuuf kutannoo mootummaa fi hojiilee hojjechaa jiru hubachiisan.

Deeggarsi namoomaa cimee akka itti fufuuf dhaabbileen deeggartootaa fi qaamoleen tumsitootaa deeggarsa taasisuu akka qaban eeraniiru.

Deeggarsichi akka itti fufuuf Ministeeri Dhimma Alaa tajaajiloota kennu hundaa mijataa fi saffisaa akka taasisu mirkaneessaniiru.

Dhaabbata Mootummootaa Gamtoomanitti Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa Afriikaa Bahaa Daani’eel Indiriis gama isaaniin, lammiilee deeggarsi barbaachisu deeggarsi walirraa hincitnee akka taasifamuuf kutannoo mootummaa dinqisiifataniiru.

Fuuldurattis lammiilee rakkoo keessatti argamaniif deeggarsa namoomaa taasifamu cimee akka itti fufu waamicha dhiyeessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Qaamoleen lameen fuulduratti qaamolee deeggartootaa waltaasisuun deeggarsanamoomaa waliin gahuuf walta’iinsaan hojjechuuf mari’ataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.