Fana: At a Speed of Life!

Injifannoon Adwaa gaarreen Guubaatti irra deebi’ame- Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee Hagayya 6, 2014(FBC)- Injifannoo Abbootiin keenya Adwaarratti galmeessisan gaarreen Guubaatti irra deebi’ame jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.

Aadde Adaanach guutinsi Bishaanii Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa marsaa 3ffaan milkiin xumuramuu ilaalchisee ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Ityoophiyaanonni sanyii, amantaa, sadarkaa dinagdeefi ilaalcha siyaasaan osoo hin daangeffamiin gatii guddaan kan itti baafame hidhi haaromsaa guutiinsa bishaanii marsaa 3ffaa injifannoon xumuramuu ibsaniiru.

Guyyaan har’aa guyyaa gammachuu dachaati jedhan.

Yoo waltumsine ni dandeenya; yoo waliif yaadne fiixaan nuuf ba’a; yoo waldeeggarre gaara badhaadhinaa gammachuun baana jedhaniiru.

Ityoophiyaan dhamaatii ijoolleesheetiin dukkana keessaa bahuun bara ifaashee kan labsitu ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.