Galmeewwan kumni 176 ol murtoo argatan
Finfinnee, Hagayya 4, 2014 (FBC) – Bara 2014 manneen murtii federaalaatti galmeewwan kumni 176 ol murtoo argachuu Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa beeksise.
Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Aadde Ma’aazaa Ashannaafii raawwii hojiilee bara 2014tti fi kallattiiwwan xiyyeeffannoo bara 2015 irratti ibsa miidiyaaleef kennaniiru.
Ibsa isaaniin, walabummaa abbootii murtee, tajaajilaa si’ataa, itti gaafatamummaa abbootii murtee fi sirnoota murtii biroorratti bu’aalee argaman ibsaniiru.
Haaluma kanaan bara 2014 Manneen Murtii Federaalaatti galmeewwan kumni 176 ol murtoo argachuu eeraniiru.
Kun ammoo kan bara 2013 waliin yoo walbira qabamu galmeewwan kuma 5 fi 500 caalamaa akka qabaachuu kaasaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.