Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shaashamanneetti baalli sammuu namaa hadoochu kuntaalli 122 dhabamsiifame

Finfinnee, Hagayya 2, 2014(FBC)- Magaalaa Shaashamanneetti baalli sammuu namaa hadoochu kuntaalli 122 dhabamsiifamuu bsame.

Poolisiin Federaalaa Poolisii Godina Arsii Lixaa waliin ta’uun sakattoo taasiseen baala sammuu namaa hadoochuufi shakkamtoota to’annaa jala oolchuun danda’amuu Ajajaan Poolisii Magaalaa Shaashamannee Koomaandar Shimallis Qannaawu ibsaniiru.

Hojiin to’annoo fi hordoffii haala kanaan duraarra jabaatee hojjetamaa jiraachuu eeruun, baalli sammuu namaa hadoochu sammuu dhalootaa hadoochuun yakkaaf waan kakaasuuf miidhaa biyyarra ga’u hubachuuf hawaasaa gandoota baala sammuu namaa hadoochuu oomishuun shakkamaniif hojiin  hubannoo uumuu hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Baala sammuu namaa hadoochu waaraan dhabamsiisuuf hoggantoota gandaafi hawaasa qindeessuuniifi ogeeyyii qonnaafi qaamolee dhimmamtootaa waliin ta’uun baallii sammuu namaa hadoochu naannawichatti akka hin biqilleef  xiyyeeffannoomn hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Qonnaan bulaa lafasaarratti baala sammuu namaa hadoochu irratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu yaadachiisuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.