Fana: At a Speed of Life!

Argisiifni nyaataa, Turizimii fi Yaa’iin Halaal gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 2, 2014 (FBC) – Qaama ‘Iidaa hanga Iidaa’ kan ta’e argisiifni nyaataa, Turizimii fi Yaa’iin Halaal gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.
Indaastiriin Halaal gabaa idil addunyaa keessatti Doolaara biiliyoonaan lakkaawamu sochoosaa jiraachuu ibsameera.
Filannoo Ityoophiyaan damee Indaastirii fi al ergiin qabdu hawaasa idil addunyaaf beeksiisuuf argisiifni guyyoota sadan itti aananiif turu banamuu ibsameera.
Baazaaricha lammileen biyya keessaa fi alaa hedduun ni daawwatuun eegama.
Dhaabbileen oomishtoota nyaataa fi dhugaatii, dhiyeessitoota oomisha qonnaa, hoteelaa fi dhaabbanni daawwachiisaa “Halaal” bal’inaan tajaajilaa fi oomishaa isaanii baazaaricharratti akka dhiyeessan ibsameera.
“Halaal” dhaabbata daldalaa addunyaarratti guddina olaanaa argisiisaa jiru yoo ta’u, keessattuu weerara vaayirasii koroonaa booda barbaadamummaan oomishaa fi tajaajila dhaabbatichaa dabaleera jedhame.
Qonjiit Zawdeetu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.