Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti hirkattummaa roobaa jalaa ba’uuf pirojektoonni jallisii 81 ijaaramaa jiru-Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Hagayya 2, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti hirkattummaa roobaa jalaa ba’uuf pirojektoonni misooma jallisii gadaanaa fi giddugaleessaa 81 Birri biiliyoonaa 13’n hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Naannichaatti jijjiirama qabeenya qilleensaan hongeen mudate qabeenya beeyladaa fi oomishaalee qonnaarraan miidhaa qaqqabsiisuu kaasaniiru.

Keessumaa godinaalee Booranaa, Gujii Lixaa fi Bahaatti, Baalee Bahaa fi Baaleetti, Harargee Bahaa fi Lixaatti hongeen mudate ammallee miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu kaasaniiru.

Rakkoo kana dandamachuun kan danda’amu roobaa eeggachuun qofa utuu hintaane, hidhaalee misoomaa jallisii gadaanaa fi giddugaleessaa baay’inaan ijaaruun yeroo bonaa dabalatee nyaata beeyladootaa bal’inaan oomishuudhaan ta’uu ibsan.

Kanaafis kan tumsuu mootummaan yeroo ammaa Birrii biiliyoona 13’n misooma jallisii gadaanaa fi giddugaleessaa 81 ijaaraa jiraachuu eeraniiru.

Pirojektoonni kunneen yeroo qabameef keessatti xumuramuun tajaajilaaf akka oolaniif hordoffii cimaan taasifamaa jiras jedhan Obbo Shimallis.

Mootummaan naannichaa waggoottan afuran dhufan pirojektoota misooma jallisii gadaanaa fi giddugaleessaa 250 ijaaruuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.