Fana: At a Speed of Life!

Baankichi bara baajataa xumurametti liqii Birrii biiliyoona 11tti dhiyaatu walitti qabuu beeksise

Finfinnee, Hagayya 1, 2014 (FBC) – Baankiin Misooma Ityoophiyaa bara baajataa xumurametti maallaqa liqiin kenne Birrii biiliyoona 10.9 walitti qabuu beeksiseera.

Baankichi piroojektiiwwan naannoo Tigraay osoo hin dabalatiin sadarkaa liqii badee gara %17tti hir’isuu ibseera.

Pirezidaantiin baankichaa Dooktar Yohaannis Ayyaalawu, Piroojektoonni hedduun naannoo Tigraay jiran liqii bade keessan galuun barri baajatichaa baankichaaf bara ulfaataa kan ture ta’uu yaadachiisaniiru.

Rakkoo mudate bayyanachiisuuf jijjiirama ariifachiisaa taasifameen bara 2013tti liqiin bade Birrii biiliyoona 15 ta’uu fi bara 2014tti gara Birrii biiliyoona 9tti gadi buusuun danda’amuu dubbataniiru.

Baankichi bara baajataa xumurametti liqii Birrii biiliyoona 11tti dhiyaatu walitti qabuu eeruun, bara baajatichaatti bu’aa Birrii biiliyoona 3.8 argachuu ibsaniiru.

Hojii liqii walitti qabuu eegalame cimsuun bara baajataa 2015tti Birrii biiliyoona 14 liqiirraa walitti qabuu karoorfachuu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.