Fana: At a Speed of Life!

Fiigicha xumuraa meetira kuma 3 fi gulaallii meetira 800 halkan har’aa gaggeeffamuun Atleetoonni Ityoophiyaa ni eegamu

Finfinnee, Adoolessa 29, 2014 (FBC) – Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa umrii waggaa 20 gadiin fiigicha xumuraa meetira kuma 3 fi gulaallii meetira 800 halkan kana gaggeeffamuun Atleetoonni Ityoophiyaa ni eegamu.
Fiigicha xumuraa meetira kuma 3 dhiiroota gidduutti halkan sa’aatii 7:00 irraa eegalee gaggeeffamuun Atleet Dirribaa Girmaa fi Malkeenahi Azzazee kanneen tilmaama injifannoo argatan keessaa isaan tokko ta’uu ibsameera.
Fiigicha gulaallii walakkaa xumuraa meetira 800 halkan sa’aatii 5:50 irraa eegaleen fiiggamuun Atleet Marsiimooyi Kaasahuunii fi Atleet Eermiyaas Girmaa xumuraaf ni darbuun eegamu.
Fiigicha hanga ammaatti gaggeeffameen Ityoophiyaan meedaaliyaa Warqee 1, Meetii 3 fi Naahasii 1, waliigala meedaaliyaa 5 walitti qabachuun addunyaarraa sadarkaa 5ffaarraatti argamti.
Ameerikaa, Keeniyaa fi Afrikaan Kibbaa walduraa duubaan sadarkaa 1ffaa – 3ffaa qabataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.