Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti lafti heektaarri 307 qonna magaalaan misoomaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 28, 2014(FBC)- Magaalaa Finfinneetti lafti heektaarri 307 qonna magaalaan misoomaa jiraachuu Komishiniin Qonnaan Bulaafi Misooma Qonna Magaalaa magaalichaa beeksise.

Ittaanaan Komishinara Komishinichaa Mahaammad Ligaaniin, magaalichatti iddoowwan duwwaa mooraa dhaabbilee amantaa, dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa dabalatee lafti heektaarri 307 qonna magaalaan misoomaa jiraachuu eeraniiru.

Qonnaan bultoota dabalatee lammiileen kumni dhibbi 3 fi kumni 50 fayyadamoo ta’uu eeruun, qonna arfaasaa bara 2014/15n lafti heektaarri kumni 11 fi 81 qonna magaalaaf qophaa’uufi galteen qonnaa barbaachisaan dhiyaachaa jiraachuu TOI’f ibsaniiru.

odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.