Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan qarqara Galaana Taayiwaanitti haleellaa misaa’eelaa milkaa’aa raawwachuu beeksiifte

Finfinnee, Adoolessa 28, 2014 (FBC) – Chaayinaan qarqara Galaana Taayiwaanitti qaama shaakala waraanaa kan ta’e haleellaa misaa’eelaa milkaa’aa raawwachuu beeksiifte.
Humni Waraanaa biyyattii Kutaa Baha Qarqara Galaanaa Taayiwaanitti yaalii dhukaasa Rokkeettii taasiisuu Ajajaan kutaa waraana Bahaa Chaayinaa ibsaniiru.
Kanaanis yaalii haleellaa misaa’eelaa milkaa’aa ta’e Kutaa Qarqara Galaanaa Baha Taayiwaanitti raawachuu ibsaniiru.
Chaayinaan kana dura Ameerikaan Imaammata ‘Chaayinaa tokko’ sarbuu hordofee deebii waraanaa laachuuf naannawaa Taayiwaanitti shakkala humna Galaanaa, Humna Qilleensaa fi kutaalee waraanaa biroo taasiisuu eegaluu ishee CGTN gabaasee ture.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.