Fana: At a Speed of Life!

Atleetoonni Ityoophiyaa fiigicha xumuraa fi gulaallii har’a gaggeeffamurratti ni eegamu

Finfinnee, Adoolessa 28, 2014 (FBC) – Atleetoonni Ityoophiyaa fiigicha xumuraa fi gulaallii Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa umrii waggaa 20 gadii har’a Kolombiyaa Kaaliitti fiiggamuun ni eegamu.
Fiigicha xumuraa gufachiisaa meetira kuma 3 halkan sa’aatii 7:20 irraa eegalee dubartoota gidduutti dorgomamuun Atleet Siimboo Alamaayyoohu fi Masarat Yeshanihin ni eegamu.
Galgala sa’aatii 1:05 irraatti fiigichi gulaallii meetira kuma 1 fi 500 dubartoota gidduutti kan gaggeeffamu yoo ta’uu, Atleet Mabrihiit Makonniinii fi Birqee Hayyaloom xumuraaf ni darbuun eegamu.
Akkasumas sa’aatii 1:05 irratti fiigichi gulaallaaii meetira 800 dhiiroota gidduuttin ni fiiggama jedhame.
Atleet Marsiimooyi Kaasahuunii fi Eermiyaas Girmaa Ityoophiyaa bakka bu’uun ni hirmaatu.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.