Fana: At a Speed of Life!

Barreessaa Olaanaan DhMG imaammata “Chaayinaa Tokkoo” kan deeggaran ta’uu ibsan

Finfinnee, Adoolessa 28, 2014(FBC)- Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez imaammata “Chaayinaa Tokkoo” kan deeggaran ta’uu ibsan.

Antooniyoo Guutarez, Murtoo Yaa’ii Waliigalaa dhaabbatichaa bara 1971 ba’e “2758” fi imaammata Chaayinaa “Chaayinaa Tokko” jedhu kan deeggaran ta’uu ibsaniiru.

Daawwannaa Af-Yaa’iin Mana Maree Ameerikaa Naansii Peeloosiin Taayiwaanitti taasisan ilaalchisee ejjennoo ifaa ta’e kan qaban ta’uu dubbataniiru.

Akkaataa murtoo Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 1971, imaammata “Chaayinaa Tokkoo” kan kabajan ta’uu ibsaniiru.

Murtoon yaa’ii dhaabbatichaa bara faranjootaa Fulbaana 25, 1971 ragga’e, Mootummaa Rippaabiliika Chaayinaaf PRCn dhaabbatichatti bakka bu’aa seera qabeessa akka ta’etti beekamtii kan laate ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis yaadni murtoo kun Mana Maree Nageenyaa dhaabbatichaatti miseensota dhaabbii shanan keessaa PRCn tokko ta’uu isaaf beekamtii kennuu yaadachiisuu CGTN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.