Fana: At a Speed of Life!

Inistiitiyuutonni Dhimmoota Alaa Ityoophiyaafi Chaayinaa waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Adoolessa 26,2014 (FBC)- Inistiitiyuutiin Dhimma Alaa Ityoophiyaafi Inistiitiyuutiin Dhimma Alaa Chaayinaa haala waliin hojjechuu danda’anirratti mari’atan.

Ityoophiyaafi Chaayinaan hariiroo dippiloomaasii jaaraa walakkaa ol lakkoofsise qabaachuufi bara 2017 irraa eegalee hariiroo isaanii gara hariiroo tarsimawaa hunda galeessatti guddisuu Chaayinaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaan maricharratti ibsaniiru.

Dhaabbileen lameen gama hojiilee qorannoo, odeeffannoo, maxxansaafi muuxannoo waljijjiirraan akkasumas waltajjii marii waloo qopheessuun waliin akka hojjetaniifi waliigaltee isaanii sanada waliigaltee waliif mallatteessuun cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

Daayrektarri olaanaan Instiitiyuutii Dhimma Alaa Ityoophiyaa Dooktar Dassaalany Ambaawu gamasaaniin, dhaabbileen lameen muuxannoo bara dheeraa kan qaban ta’uu eeruun, hariiroon isaanii fayyadamummaa biyyoota lameenii guddisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Inistiitiyuutii Dhimma Alaa Chaayinaa waliin walta’iinsaan hojjechuuf fedhii fi qophaa’ummaa qabaachuu eeraniiru.

Ittaanaan Pirezidaantii Inistiitiyuutii Dhimma Alaa Chaayinaa Lii Jeen gamasaaniin, Chaayinaan hariiroo Ityoophiyaa waliin qabduuf bakka guddaa kan laattu ta’uufi Chaayinaan tumsa Afrikaa waliin taasiftuuf Ityoophiyaan ga’ee murteessaa ta’e qabaachuu ibsaniiru.

Inistiitiyuutiin Dhimma Alaa Chaayinaa Inistiitiyuutii Dhimma Alaa Ityoophiyaa waliin hojjechuuf qophii ta’uu ibsuu ragaan Chaayinaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.