Fana: At a Speed of Life!

Magaalattitti hoji dhabdummaa hir’isuuf hirmaannaa fi kutaannoo hundaa barbaachisa-Obbo Jaanxiraar Abbay

Finfinnee, Adoolessa 26, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti baay’ina hoji dhabdootaa hir’isuuf kutannoo fi hirmaannaa hundaa akka barbaachisuu Itti Aanaan Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaay Ibsan.

Waajjirri Misooma Intarpiraayizii fi Carraa Hojii Kutaan Magaalaa Kolfee boqonna jalqabaa fi marsaa 3ffaan, fayyadamtoota seeftineetii misoomaa kuma 5 fi 938 kan eebbisiise yoo ta’u, bara baajatichaatti ogeeyyii aanaa fi kutaa magaalichaa raawwii olaanaa galmeessaniifis beekamtiin kennameera.

Saganticharratti Itti Aanaa Kantiibaa fi Hogganaan Biiroo Hojiilee Intarpiraayizii fi Misooma Indaastirii Magaala Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abaayiin dabalatee hoggantoonni biroon argamaniiru.

Obbo Jaanxiraar haasawaa taasisaniin, waltajjichi galaa hojii bara dhufuu akka ta’e eeruun, hojii dhabdummaa magaalattiitti mul’atu hir’isuuf hojiileen hojjetaman xiyyeeffannaa olaanaa barbaadu jedhaniiru.

Hojii uumuun qooda mootummaa qofa waan hintaaneef seektarri dhuunfaas jajjabeeffamuu fi deeggaramuun hirmaannaa hundaan hojjetamuu qaba ibsan.

Hojii Gaggeessan Kutaa Magaalaa Kolfee Obbo Jamaal Radii gama isaaniin, eebbifamtoonnis ta’ee hoggantoonni qaal’iinsa jireenyaa fi gatii hir’isuuf gahee olaanaa akka qaban eeruun, kanaaf gahee gama isaanii bahachuu akka qaban ibsaniiru.

Bara bajataa kanattis lammiilee kuma 36 fi 764’f carraan hojii umamuu Hoji Gaggeessan Waajjira Misooma Intarpiraayizii Kutaa Magaalichaa Obbo Tacaanee Addunyaa eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.