Fana: At a Speed of Life!

Haalli jijjiirama qabeenya qilleensaa haala ammaan itti fufnaan dhala namaa dachee kanarraa balleessuu danda’a- qorannoo

Finfinnee, Adoolessa 26,2014 (FBC)- Haalli jijjiirama qabeenya  qilleensaa addunyaa haala ammaa kanaan itti fufnaan dhala namaa dachee kanarraa balleessuu akka danda’u qorannoon raage.

Jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuu baannaan dhalli namaa dachee kanarraa baduu akka danda’u qorannoo haaraan dhimmicharratti gaggeeffame ibseera.

Hayyoonni damichaa qorannoo isaaniin akka ifoomsanitti, ho’ii qilleensaa hanga tilmaamameen ol dabalaa yoo adeemeefi kanas to’achuun yoo dadhabame dhala namaarra badiisa cimaa geessisuu danda’a jechuun akeekkachiisaniiru.

Balichi uummata addunyaa keessaa %10 lafarraa balleessuu dabalatee dhala namaarratti taateewwan sodaachisoo dhaqabsiisuu akka danda’uufi balaa kana ittisuuf qophii taasisuun barbaachisaa ta’uu gareen qorannoo hayyoota yuunvarsiitii Kaaambiriijiin hogganamu ibseera.

Gareen qoranichaa beelaa, hanqina nyaata madaalamaa, ho’ina qilleensaa, waraanaafi dhibeewwan daddarboo irratti qorannoo haaraan akka gaggeeffamuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Addunyaarratti hangi ho’aa dabaluun bakkeewwan magariisoo qonnaaf mijataa ta’anitti oomisharratti miidhaa kan qaqqabsiisu ta’uu qorannichaan eeraniiru.

Gama biraan wayita manneen namootaafi dahoon bineensotaa hir’achaa fi badaa adeeman dhukkuboonni lubbuu namaa galaafachuu danda’an haaraan kan uumaman ta’uu qoranichaan ibsameera.

Kana malees hangi ho’a qilleensaa dabaluun haqa-maleessummaa, yaa’iinsi odeeffannoowwan dogoggoraa, kufaatii diimookiraasiifi rakkoo bulchiinsa meeshaalee waraanaa miidhaa gurguddaa geessisanii kan hammeessu ta’uu eerameera.

Maddi:- Study Finds

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.