Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin nageenya naannawaa fi misooma Ityoophiyaa fi IGAD irratti hojjetu hundaa’e

Finfinnee, Adoolessa 26, 2014 (FBC) – Olaantummaa hoggantoota duraanii Ityooophiyaan kan hogganamuu fi Ityoophiyaa fi Dhabbataa Misoomaa Mootummoota Afrikaa Baha (IGAD) nageenyaa naannawaa fi misoomaa irratti fooramiin xiyyeeffatee hojjetu hundaa’eera.

Saganticharratti Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudee, Ityoophiyaa dabaltaee biyyoota garaagaraatti rakkoolee walitti bu’iinsaa fi waraanaa mudateen hawaasni daldalaa caalmaan miidhamaa ta’uu eeraniiru.

Hawaasni daldalaan, nageenya mirkaneessuu fi gaaffilee misoomaa hawaasaa deebisuuf dammaqinaan hirmaachuu qabu jedhaniiru.

Fooramiin hojii isaa eegale yeroo murteessaatti hundaa’uu eeranii, Ityoophiyaan of dandeessee akka dhaabbattu, naannawaa IGAD fi nageenyaa fi tasgabbii Afrikaaf gahee olaanaa akka qabaatu dubbataniiru.

Kanaan dura hojiilee eegaman hojjechuu dhabuun rakkoolee hedduu keessumsiisneerra kan jedhaan Pireezidaantittiin, yeroo ammaa mootummaa fi dhaabbileen tola ooltotaa akkasumaas hawaasa daldalaa kan hirmaachise tattaaffiin misoomaa fi nageenyaa hunda galeessi gaggeeffamaa jira jedhaniiru.

Yaaddoo nageenyaa biyyoota IGAD hordofee gufachuu hojiilee misoomaa fi hongee qajeelchuuf fooramichi tarsiimoo bocuun hojjechuu akka qabu ibsaniiru.

Haaluma kanaan Ityoophiyaa fi IGAD maraammartoo waraanaa fi walitti bu’iinsa naannawaa keessaa akka bahaniif fooramichi tarsiimoo bocuun mootummoota biyyoota miseensota IGAD waliin xiyyeeffannaan akka hojjetu gaafataniiru.

Walitti Qabaan Boodii Hojii Raawwachiistuu Fooramii ‘Intarpiriniyaalii’ Misoomaa fi Nageenyaa Dooktara Mulaatuu Tashoomaa, waggoottan darban hedduuf hawaasni daldalaan dhiibbaa rakkoolee Ityoophiyaatti mudatanii dhandhameera jedhan.

Hawaasa daldalaa qindeessuun fooramichi, walitti bu’iinsa Ityoophiyaa fi biyyoota naannawichaa jiru nagaan akka furaman, akka walitti bu’iinsi hinmudannee ittisuu fi ergaa mudatee deebii hatattamaa kennuun, sochiilee hawaas-diinagdee haala idileen itti fufsiisuuf xiyyeeffannaan ni hojjeta jedhaniiru.

Walitti Qabaan Yaa’ii Waliigalaa Fooramichaa Obbo Balaaynee Kindee, haalli biyyaalessaa amma keessa jirru hawaasa daldalaa yeroo kamuu caalaa nageenyaaf waardiyyaa akka dhaabbatan dirqamsiisa jedhaniiru.

Mootummaa fi ummanni nageenyii fi tasgabbiin biyyattiitti akka mirkanaa’uuf tattaffii taasisaa jiran, hawaasni daldalaan abbummaan hirmaachuuf kutannoon ka’uu himaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.