Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Fayyaa fi dhaabbileen itti waamamoo tajaajila tola ooltummaa Gannaa eegalchiisan

Finfinnee, Adoolessa 25, 2014 (FBC) – Ministeerri Fayyaa tajaajila tola ooltummaa Gannaa manneen harka qalleeyyii haaromsuun eegalchiiseera.

Haaromsa manneen harka qalleeyyi kan eegalchiisan Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktara Liyaa Taaddasaa yoo ta’an, sagantichaarratti hojjettoonni ministeerichaa fi hoggantoonni biroon argamaniiru.

Qaama tajaajila tola ooltummaa Gannaa kan ta’e, sagantaan haaromsa manneen harka qalleeyyii, Finfinnee Kutaa Magaalaa Lidataa Aanaa 5tti eegaleera.

Dhaabbileen itti waamamtoota Ministeeraa Fayyaa12, tajaajila tola ooltummaa baranaan manneen harka qalleeyyii 12 akka ijaaran ibsameera.

Bara 2014 sagantaa tajaajila tola ooltummaa Gannan Ministeerri Fayyaa fi dhaabbileen itti waamamoon, manneen harka qalleeyyii 16 ijaaranii harkaa qalleeyyiif kennuun kan yaadatamuudha.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.