Fana: At a Speed of Life!

Koorporeeshinichi Xaa’oo biyyee kuntaala miiliyoona 12.8 alaa bite geejibsiisee xumure

Finfinnee, Adoolessa 25, 2014 (FBC) – Koorporeeshiniin Hojiilee Qonnaa Ityoophiyaa bara oomishaa 2014/15’f xaa’oo biyyee kuntaala miiliyoona12.8 biyya alaarraa bite guutummaatti gara buufata Jibuutiitti geejibsiisee xumuruu beeksise.

Marsaa 10ffaa fi isa xumuraan yuuriyaa kuntaala kuma 500 fe’ame kaleessaa Buufata Doonii Jibuutii ga’uu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Kana hordofees koorporeeshinichi bara oomishaa kanaaf xaa’oo biyyee ‘NPS’, ‘NPSB’ fi yuuriyaa biyyaa alaarraa bite hojiilee buufata doonii Jibuutiin ga’uu xumuruu isaa beeksiseera.

Baatii Amajjiirraa eegalee xaa’oo buufata doonii ga’e keessaa hanga Adoolessa 24, 2014tti kuntaala miiliyoona 12 fi kuma 300 ol yookaan %96 gara biyyaatti geejibsiifamuun qonnaan bulaaf dhiyaachaa jiraachuun eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.