Fana: At a Speed of Life!

Cimina keenya daballee, imaanaa  keenya eegnee bu’aa olaanaaf qophoofneerra!! – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Adoolessa 24, 2014 (FBC) – Cimina keenya daballee, imaanaa  keenya eegnee bu’aa olaanaaf qophoofneerra jedhan Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.

Itti gaafatamummaan amaanaa guddaadha, Itti gaafatamummaan kabaja, amantaas filachuudhas.

Uummanni keenyaa yeroo rakkoof kan hin kennine ta’uu beekna. Yeroo fi carraa nuuf kennametti gahumsa keenya sharafnee waan tokko dabaluuf waggaatti oliif gadi jechaa turreerra. Dambii keenya 24/7 taasifnee baaneerra buuneerra. Hedduu wal taasifnee lammiilee nama isaan yaadatuu fi  isaan ilaalu  hin qabne gadi buunee ilaalleerra. Abdii lammiilee hedduus misoomsineerra.

Magaalaa keenya miidhagduu fi haaraa gochuufis uummata keenya wal taasifnee cimneerra Jechuun ibsan.

Ashaaraa  bara jijjiirama keenyaa kan abdii fidu labsineerra.

Imala  keenyaan baay’ee daballus, kan hir’ifnee fi kan guunne akka jiranis ni beekna.

Qamadii keessaa ingirdaadii waan hin dhabamneef warra jabaatan gidduu amantaa isaanii hir’isuun kaayyoo isaaniirra kan siqanii fi faayidaa dhuunfaa isaanii barbaacha uummata kan mufachiisanis akka jiran argineerra. Walumaa galatti hawwii jijjiiramaa uummata keenyaa fi haala jireenyaa irratti baay’ee hojjachuun akka nurraa eegamu haala sirriin hubanneerra.

Dhugaatti uummanni nuti tajaajillu humna keenyaa olitti kan nun gaafanne, yoo hojjanne kan lapheerraa nu eebbisu, yoo misoomsinu kan nu gargaaru, yoo hir’ifnu kan nu abboomu, yoo jabaates akka maatiitti kan nyaara nutti guuru, yoo hojiif kaanu mudhii isaa hidhatee kan nu cinaa dhaabbatu, waan madaala kaasu, haqummaan kan murteessu, kan nuuf malu kan nuuf kennu uummata hubataa fi guddaadha.

Ammas yoo ta’e cimina keenyarraa barannee, hir’ina keenyarraa barannee, iddoo banaa keenya sirreessinee bara dhuftu bu’aa olaanaaf qophii irratti argamna. Amaanaa keenya kaka’umsa olaanaan milkeessuuf yeroo kamiyyuu caala gaabbiidhaan kakaneerra jedhan.

Uummata keenyarraa barachuu keenya gocha keenyarraa hubachuu keenya, wal taanee bu’aa olaanaaf gahuu keenyaa fi fayyadamummaa uummata keenyaa mirkaneessuu keenya itti fufna!!

Uummanni keenya yeroo kamii olitti akka nu cinaa dhaabbatu ni amanna!!

Amaanaan keenya guddaa ta’us uummata keenya wal taasifnee, gahumsa keenya baay’isaa bu’aa olaanaaf cimuu keenya itti fufna jedhan Fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Waaqni Itoophiyaa fi uummata ishee baay’isee haa eebbisu!!

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.