Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makonnin Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa Maayik Hamar waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 22, 2014(FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makannin Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa Maayik Hamar waliin mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf mootummaan fudhachaa jirurratti ergamichaaf ibsa laataniiru.

Marii nageenyaa hoggantummaa Gamtaa Afrikaan eegalameef mootummaan kutannoo qabaachuu kaasuun, kanaafis garee mariisistuu hundeessuun gara hojiitti seenuu ibsaniiru.

Waliigaltteen walitti bu’iinsa dhaabuu, waliinga’iinsi deeggarsa namoomaa fi qaamolee sarbama namoomaa hojjetan gara seeraatti dhiyeessuuf tarkaanfiin fudhatamaa jiru cimee kan itti fufudha jedhaniiru.

Wayita mootummaan marii nageenyaaf kutannoo qabu mul’isaa jirutti ejjennoon gareen ABUT agarsiisaa jiru faallaa ta’uufi sochii marii nageenyichaaf gufuu kan uumu waan ta’eef hawaasni idil addunyaa garicharratti dhiibbaa uumuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Hidha haaromsaa guddicha Ityoophiyaa ilaalchisuun, Ityoophiyaan mariin gaggeeffamu qajeeltoo irratti kan hundaa’eefi bu’aa qabeessa akka ta’uuf murannoo qabaachuu eeraniiru.

Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Ameerikaa Maayik Hamar gamasaaniin, tarkaanfii mootummaan nageenya waaraa fiduuf fudhachaa jiru dinqisiifataniiru.

Jijjiiramni waliinga’iinsa deeggarsa namoomaarratti mul’achaa jiru jajjabeessaa ta’uu mariisaaniin ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.