Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti Sagantaa Ashaaraa magariisaa gaggeeffamaa jiruun hanga ammaatti biqiltuu miiliyoonni 670 dhaabamuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 22, 2014(FBC)- Naannoo Uummattoota Kibbaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan hanga ammaatti biqiltuun miiliyoonni dhibbi 7 fi miiliyoonni 70 dhaabamuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.

Naannichatti bara kana biqiltuu biiliyoona 1 dhaabuuf karoorfatamee hojjetamaa jiraachuu fi hanga guyyaa kaleessaatti biqiltuun miiliyoonni dhibbi 7 fi miiliyoonni 60 dhaabbachuu Hogganaan Biiroo Qonnaa naannichaa obbo Usmaan Surur eeraniiru.

naannichatti guyyaa kaleessaa sagantaa guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 100 dhaabuuf gaggeeffameen biqiltuu miiliyoonni 96 dhaabbachuu kaasaniiru.

Saganticharratti kutaaleen hawaasaa miiliyoonni 3.8 hirmaachuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.