Sagantaan galateeffannaa “Ityoophiyaan Haa Galateeffattuu” Masjiida Anuwaaritti gaggeeffame
Finfinnee, Adoolessa 22, 2014(FBC)- Sagantaan galateeffannaa “Ityoophiyaan Haa Galateeffattuu” magaalaa Finfinnee Masjiida guddicha Anuwaaritti gaggeeffameera.
Sagantichi bu’uura Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee beeksiseen gaggeeffamuu TOI gabaaseera.
Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa guyyaa har’aa hordoftoonni amantaa islaamaa guutuu biyyattii solaata jumaa’aan booda sagantaan galateeffannaa fi kadhannaa akka taasisan waamicha dhiyessuun isaa ni yaadatama.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.