Diyaaspooraawwan milkaa’ina marii biyyaalessaaf gahee isaanii akka bahataniif haalli ni mijata-Koomishinii Marii Biyyaalessaa
Finfinnee, Adoolessa 21, 2014 (FBC) – Diyaaspooraawwan lammiilee Ityoophiyaa ta’an milkaa’ina marii biyyaalessaaf gahee isaanii akka bahatan haala mijieessuuf qophii ta’uu ta’uu Koomishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise.
Garaagarummaan ilaalchaa fi waldhabdee haala tasgabbaa’een furuu dhabuun diimokiraasii tasgabbaa’a ijaaruuf gufuu akka ta’uu eerameera.
Biyyoonni rakkoolee akkanaa furuuf tooftaalee nageenyaa kan fayyadaman yoo ta’u, kanneen keessaa mariin ijoo ta’uu hayyoonni siyaasaa ibsaniiru.
Marii biyyaalessaa galma yaadame akka ga’uuf Ityoophiyaanonni hundi gahee isaanirraa eegamu bahachuu qabu jedhameera.
Haaluma kanaan diyaaspooraan lammiilee Ityoophiyaa akkuma duulaa “ni gahaa” gaggeessuu, Hidhaa Guddicha Haaromsa Ityoophiyaaf falmaa turan, milkaa’ina marii biyyaalessaaf gahee isaanii bahachuun ashaaraa isaanii akka kaa’aan eegama.
Itti Aanaan Koomishinaraa Koomishinii Marii Biyyaalessaa Dooktar Yoonaas Adayee akka ibsanitti, hawaasni diyaaspooraa dhimmoota biyyaalessaa irratti gahee olaanaa gumaachaa jiru.
Koomishinichi yeroo ammaa qophii duraa xumuruun boqonnaa xumuraarratti akka argamuu eerameera.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.