Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa Atileetota Birrii miiliyoona 10 fi lafa badhaase

Finfinnee, Adoolessa 21, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Atileetota Ityoophiyaa Shaampiyoona Atileetiksii Addunya 18ffaarratti injifannoo boonsaa galmeessaniif Birrii miiliyoona 10 fi lafa badhaaseera.

Bulchiinsi magaalichaa sagantaa beekkamtii fi galateeffannaa garee Atileetota Ityoophiyaaf gaggeesseera.

Haaluma kanaan Atileetotaa meedaaliyaa Nahaasa argamsiisaniif lafa Karee Meetiraa 250, kanneen meedaaliyaa Meetii argamsiisan ammoo lafa Karee Meetiraa 350 fi kanneen meedaaliyaa Warqee argamsiisaniif lafa karee meetiraa 500 badhaafamaniiru.

Badhaasichaa kan kennaan Aadde Adaanech, waltajjii addunyaarratti atileetotaa kabaja Ityoophiyaa ol kaasan galateeffataniiru.

Injifannoon atileetotaa kunis akkumaa abbootiin kaleessaa akka hininjifatamne nutti argisiisan, ijoolleen isaaniis injifatanii Ityoophiyaa akka ol qaban kan nu argisiiseedha jedhaniiru.

Hogganaan Biiroo Dargaggootaa Fi Ispoortii Finfinnee Obboo Abirahaam Taaddasaa gama isaaniin baga biyya keessaan abbaa injifannoo taasiftan jechuun, Ityoophiyaa injifattuu taasisuu qofa utuu hintaane, injifattee ba’uu akka dandeessuu waltajjii addunyaarratti dandeettii keessaniin waan argisiistaniif galatoomaa jedhaniiru.

Guyyaa har’aa garee Atileetota Ityoophiyaaf daandiilee fi Adda Baba’ii Magaala Finfinneetti simaanaan taasifameeraafi.

Yismaawu Adaraawutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.