Fana: At a Speed of Life!

Boru Jila Atleetiksii Ityoophiyaaf simannaan gootaa ni taasiifama

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Mootummaan Ityoophiyaa Boru jila Atleetiksii Ityoophiyaa Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa injifannoon golobeef simannaa gootaa kan taasiisu ta’uu beeksiiseera.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad, qormaata keessoo fi dhiibbaa alaa dandamachuudhaan waltajjii Ispoortii idil addunyaarratti Atleetoonni Ityoophiyaa injifannoo gonfachuu isaanii eeraniiru.

Atleetoonni Ityoophiyaan Addabaabaayii Ispoortiirratti alaabaa biyya keenyaa ol kaasanii kan mirmirsan, dirree injifannoo irratti argatan keessatti harka isaanii ol gara samiitti bal’isuun uumaa isaanii galeeffachuu isaanii ergaa galateeffannaa har’a dabarsaniin ibsanii turan.

Mootummaan jila Atleetiksii kanaaf simannaa gootaa kan taasiisu ta’uu Waajjira Muummee Ministiraatti Qindeessaan Giddu Gala Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Dooktar Biqilaa Hurrisaan ibsaniiru.

Injifannoon Atleetoonni Ityoophiyaa Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa 18ffaarraatti galmeessan tokkummaan yoo hojjenne gufuulee hunda akka dabarru agarsiiftuudha jechuun ibsaniiru.

Ummaanni Ityoophiyaa simannaa gootaa guyyaa boruu jilichaaf taasifamuuf tumsa barbaachisu akka taasiisan waamichi dhiyaateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.