Fana: At a Speed of Life!

Seergee Laavroov daawwannaa Ityoophiyaa xumuruun gara biyya isaaniitti deebia’an

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Seergee Laavroov daawwannaa isaanii Ityoophiyaa xumuruun gara biyya isaaniitti deebi’aniiru.

Laavroov kaleessa gara galgalaa daawwannaa hojiif Finfinnee galuun isaanii kan yaadatamuudha.

Guyyaa har’aas Pireezidaantii FDRI Saahilawarqi Zawudee waliin daandilee hariiroo biyyoota lameenii cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Akkasumas, Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, waliinis mari’ataniiru.

Marii isaniin boodas Embaasii Raashiyaa keessaatti Obbo Dammaqaa waliin biqiltuu dhaabaniiru.

Deetaa Ministiraa Ministeeraa Dhimma Alaa Burtukaan Ayyaanoo fi hoggantoonni biroon Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun geggeessuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.