Fana: At a Speed of Life!

IMF raaga guddina diinagdee addunyaa %3.2’tti gadi buuse

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa (IMF) raaga guddina diinagdee Addunyaa %3.2’tti gadi buuseera.

Qaala’iinsa gatii addunyaa dabalatee weerara vaayiraasii koronaa, waraanaa Yukireenii fi Raashiyaa bu’uureffachuun dhaabbatichi raaga guddina diinagdee addunyaa gadii buuseera.

Raagni dhaabbatichaa bara Faranjootaa Ebla 2022 gabaasaa diinagdee addunyaa baasee tureen %0.4 hir’isuu eerameera.
Rakkooleen mudataa jiran humnaa ol addunyaan gara kufaatiitti ceesisuuf gatantarsaa jira jedheera.

Gabaasa isaan biyyoota addunyaarratti ga’umsa diinagdee olaana qabu jedhaman sadii jechuunis, Ameerikaa, Chaayinaa fi naannawaa Awuroopaatti haqa dhiibbaa idil addunyaa jiru ibseera.

Ameerikaa fi biyyoonni guguddoon Ardii Awurooppaa, haala eegameen olitti qaal’iinsi gatii olaanaan mudachuu kan eeru raagni IMF, kun ammoo sochii faayinaansii addunyaa hudhaa keessaa galchaa jiraachuu ibsa.

Chaayinaatti sababa weerara vaayirasii koronaan sochiin dhaabbilee faayinaansii qabbanaa’uun dhiibbaa keessatti kufteetti jedha.

Siyaasa quubsumaan qoqqoodamuun wlta’iinsaa fi daldala idil addunyaa gufachiisuu akka danda’u gabaasichaan kan eerame yoo ta’u, walitti bu’iinsi Raashiyaa fi Yuukireen ammoo dhiyeessii anniisaa Awurooppaa irratti dhiibbaa uumuun muddama hammataa hedduu hordofsiisaa jiraachuu ibseera.

IMF bara Faranjootaa 2022’tti biyyoonni guddatan guddina diinagdee %2.5 akka qabaatan raaguun, biyyoonni guddachaa jiraan ammoo guddinaa diinagdee %3.6 akka argisiisan raageera.

Gatiin nyaata fi anniisaa qaala’uu, fedhii fi dhiyeessiin walmadaaluu dhabuun qaala’iinsi gatii addunyaa akka hammaatu taasiseera jedhame.

Daballii gatii addunyaa hordofees sadarkaan jireenyaa gadi bu’aa akkumaa dhufeen, qaala’iinsa gatii to’achuun hojii dursaa baaftota imaammataa ta’uu akka qabuu IMF akeekkachiisuu CGTN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.