Mariin Paanaalii ‘Waa’ee Ityoophiyaa’ fi argisiifni Suuraa magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Mariin Paanaalii ‘Waa’ee Ityoophiyaa’ fi argisiifni Suuraa 7ffaa magaalaa Adaamaatti mata duree ‘’Cee’umsa Caasaa Diinagdee” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Saganticharratti Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Assaffaa, Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyi, Kantibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee, ogeeyyiin diingadee, Abbootiin qabeenyaa fi qooda fudhattoonni argamaniiru.
Suuraan haala siyaasaa Ityoophiyaa bara 1950 eegalee jiru, gaaffiilee seenaa ummanni kaasaa ture, wareegama birmadummaa biyyaaf kaffalame, imala federaaliizimii fi taatewwan adda addaa agarsiisichaaf dhiyaataniiru jedhame.
Waa’een Ityoophiyaa kana dura Magaalaa Jigjigaa, Dirree Dawaa, Hararii, Hawaasaa, Aarbaa Mincii fi Jimmaatti gaggeeffamuun kan yaadatamuudha.
Maddi:-DhPI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.