Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa Loogoo haaraa ifoomse

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa Loogoo haaraa ergama mana hojichaan walsimuu, duudhaa fi aadaa Oromummaa of keessatti qabate ifoomsuu Hogganaan Biirichaa Obbo Haayiluu Addunyaa ibsaniiru.

Obbo Haayiluun, ibsa raawwii baajataa 2014 ilaalchisuun miidileef ibsa kennaniiru.

Bara baajataa 2014’tti dinagdeen Naannoo Oromiyaa %6.7 guddachuu Obbo Hayiluun ibsaniiru.

Qonni qamadii lafa hektaara kuma 337 fi 636 irraa kuntaala miiliyoona 14.1 oomishuun akka danda’ame ibsaniiru.

Hojii tajaajila lammummaatiin hojiileen Birrii biiliyoona 49.2’tti tilmaamamus hojjetamuu eeraniiru.

Bara 2015tti nageenya mirkaneessuuf qindoomina caasaa nageenyaa fi uummataa cimsuuf xiyyeeffatamee hojjetama jedhaniiru.

Misooma baadiyyaatiin dinagdee Oromiyaa% 6.9 guddisuuf karoorfamuu ibsanii, kilaastera magaalaatiin bara 2015’tti lammiilee miiliyoona 2.2 carraa hojii uumuuf nii hojjetama jedhan.

Bara 2015 galii naannoo guddisuuf Birrii biiliyoona 78.71 walitti qabuuf karoorfamuu ibsuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.