Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Barnootaa Oromiyaa fi Imbaasiin Faransaay waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Adoolessa 19, 2014 (FBC) – Biiroon Barnootaa Oromiyaa fi Imbaasiin Faransaayi Misooma Barnoota waloorratti waliin hojjachuuf waliigaltee mallatteessuu ibsame.

Kaayyoon waliigaltichaa hojii baruu fi barsiisuu Afaan Faransaay Biiroon Barnoota Oromiyaa hojjatu cimsuuf kan oolu ta’uu Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon eeraniiru.

Waliigaltichi sirna Barnootaa Afaan Faransaay cimsuu fi barnoota bilisaa biyya Faransaayitti barattoonni akka argataniif kan deeggaru akka ta’e himameera.

Ityoophiyaatti Ambaassaaddarri Faransaayi Reemii Maatashoo, waliigaltichi walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuun cinaatti misooma barnootaa cimsuuf ga’ee olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Pirojektichi guutuu biyyattiitti kan babal’atu akka ta’eefi Afaan Faransaay barsiisuun barattootaaf carraa guddaa kan  uumuu ta’uu dubbataniiru.

Sirnicharratti meeshaalee Barnootaa Afaan Faransaay deeggaran kan kennaman yoo ta’u Manneen Barnoota bultii addaa 7 keessatti afaan Faransaay, Chaayinaa fi Arabaa barsiifamaa jiraachuun ragaan Biiroo Barnootaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.