Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaan hanga ammaatti Biqiltuuwwan biiliyoonni 5 ol dhaabbatan

Finfinnee, Adoolessa 19, 2014 (FBC) – Sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaan hanga ammaatti Biqiltuuwwan biiliyoonni 5 ol dhaabbachuu Koreen Teeknikaa sagantichaa ibseera.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaan marsaa 4ffaan mata duree ‘Ashaaraa Keenya Daa’imman keenyaaf’ jedhuun biqiltuuwwan biiliyoona 6 dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu korichi eereera.
Adeemsi hanga ammaa jiru milkaa’aa ta’uu qindeessaan korichaa Dooktar Adafarsi Warquun himaniiru.
Sagantaa bara kanaan gosoota biqiltuuwwan biyya keessaa fi misooma bosonaaf xiyyaaffannoon laatamuun dhaabbiin raawwataa jiraachuu kaasaniiru.
Biqiltuu bara kana dhaabuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti Biqiltuuwwan biiliyoonni 5 ol dhaabbachuu himaniiru.
Biqiltuuwwan dhaabbatan keessaa % 52 wabii midhaan nyaataaf kan oolan ta’uu eeraniiru.
Akkasumas galteewwan Indaastirii, Nyaata Loonii fi miidhagina magaalaaf kan oolaan ta’uu himaniiru.
Bara 2011 eegalee waggaa 4 keessatti akka biyyatti Biqiltuuwwan biiliyoona 20 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.