Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti qaamoleen tooftaa garaagaraan hanna raawwachaa turan to’ataman

Finfinnee, Adoolessa 19, 2014( FBC)- Magaalaa Finfinneetti qaamoleen tooftaa garaagaraan yakka hannaa raawwachaa turan to’atamuu poolisiin ibse.

Hawaasni magaalichaa Faanaa Broodkaastiing Korporeet haasofsiise, magaalichatti saamichiifi hanni tooftaalee garaagaraan raawwatamaan namoota hedduu harka duwwaa hambisaa jiraachuu ibsaniiru.

Yakki hannaa halkaniifi guyyaa magaalichatti raawwatamu qabeenya fudhachuurra darbee hanga lubbuu balleessuutti kan ga’ee fi madda yaaddoo nageenyaa ta’uu dubbataniiru.

Daayrektarri Sabquunnatii Poolisii magaalichaa Ittaanaan Koomaandaraa Maarqoos Taaddasaa gamasaaniin,poolisiin magaalichaa qaamolee nageenyaa biroofi hawaasa magaalichaa waliin ta’uun hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Hojii hojjetamaa jiruunis qaamolee tooftaa garaagaraan yakka hannaa raawwatan to’annaa jala oolchuu kaasaniiru.

Kana malees hojii hojjetameen shira magaalaa Finfinnee naannawaa shororkeessummaa taasisuuf yaadame fashaleessuun danda’amuu ibsaniiru.

Yakkamtoonni gochaa badiif bakka poolisiirraa dhokataa ta’e waan fayyadamaniif hawaasni ariitiin odeeffannoo qaamolee nageenyaa biraan yoo ga’e dhimmichaaf ariitiin furmaatni kennamuu akka danda’u eeraniiru.

 Magaalichatti gochoota walfakkaatoo akka kanaa hambisuufi seermaleessummaa ittisuuf hawaasni poolisii waliin qindoominaan akka hojjetu waamicha dhiyeessaniiru.

Hayimaanot Wandiraaditu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.