Fana: At a Speed of Life!

Alshabaab barbaadeessuun miseensota garechaa addaa faca’an qulqullessuuf tarkaanfiin fudhatamaa jira-M/J Tasfaayee Ayyaalewu

Finfinnee, Adoolessa 18, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa gama Bahaan lo’ee kan seenuuf yaale Alshabaabiin barbaadeessuun miseensota garechaa adda faca’uun hafan qulqullessuuf tarkaanfiin fudhatamaa Jiraachuu Itti Gaafatamaan Bobbii fi Qindeessaa Komaandi Poostii Nageenyaa Yeroo Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejar Jeneraal Tasfaayee Ayyaalawu dubbatan.

Meejar Jeneraala Tasfaayeen akka ibsanitti, diinonni Ityoophiyaa kutaa biyyatti Kaabaa fi Dhihatti tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhatamaa jiruun nageenyi waan bu’e isaaniitti fakkaachuun, Ityoophiyaa gama Bahaatti yaalii haleellaa taasisaniiru.

Gareen Shororkeessa Alshabaab Naannoo Somaalee naannawaa daangaa shanitti jechuunis, Yadii, Atoo, Alberdee, Waqaashoo fi Farfar haleeluu yaalus humnoota nageenyaan guutummaatti fashalaa’uu dubbataniiru.

Hidhattoonnii hedduu fi gala nyaataa garechi itti fayyadamuuf turee heduun to’annoo jala ooleera.

Maddi:TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.