Fana: At a Speed of Life!

Biyyoota Afrikaa 5’tti kan hojiirra oolu sagantaan waloo yaa’iinsa hojjettootaa ifoome

Finfinnee, Adoolessa 18, 2014 (FBC) – Biyyoota Afrikaa shanitti, kan hojiirra oolu sagantaan waloo yaa’iinsa hojjettootaa eegaluu Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamil beeksisan.

Aadde Mufaariyaat tooraa miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka beeksisanitti, bakka deeman hundaatti mirgaa fi faayidaa hojjettootaa eegsisuun dhimma xiyyeeffannaa barbaaduudha.

Biyyoota godaantota addunyaa hedduu keessummeessan keessaa Ityoophiyaan tokko ta’uu eeranii, dhimma godaantotaa ilaalchisee walta’iinsi qaamolee dhimmichi ilaallatu Ardii fi naannawaa murteessadha jedhaniiru.

Kana giddugaleeffachuun bulchiinsa yaa’iinsa hojjettoota Gamtaa Afrikaa tilamaama keessa galchuun fooyyessuuf kan kaayyeffate, sadarkaa yaaliitti biyyoota Afrika shanitti kan hojiirra ooluu sagantaan waloo yaa’iinsa hojjettootaa qophaa’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaa, Kaameeruun, Morookoo, Kootdiivaar fi Maalaawiitti hojiirra kan oolu sagantaan waloo kun Finfinneetti har’a eegaluu beeksisaniiru.

Koomishiniin Gamtaa Afrikaa, Dhaabbanni Godaantota Idil Addunyaa, Dhaabbanni Hojii Idil Addunyaa, Koomishiniin Diinagdee Afrikaa fi qaamoleen tumsitootaa biroon saganticha dhugoomsuuf akkasumas gumaacha taasisaniif ministirittiin galateeffataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.