Fana: At a Speed of Life!

Bara hojii 2ffaatti nageenyaa fi tika irratti xiyyeeffannaan hojjetama-Obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Adoolessa 18, 2014 (FBC) – Bara hojii 2ffaatti manni marichaa dhimmoota nageenyaa fi tikaarratti xiyyeeffachuun kan hojjetu ta’uu Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoo ibsan.

Obbo Taaggasaan hojiilee ijoo bara 2014 manni marichaa gaggeessaa ture ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Lammiileen Ityoophiyaa nagaan ba’anii akka galaniif manni marichaa bara hojii 2ffaatti dhimmoota nageenyaa, tikaa fi tasgabbiirratti xiyyeeffachuun hojjechuuf karoorfachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan, lammiileen Ityoophiyaa hundinuu qaamolee nageenyaa mootummaa waliin qindoominaan humnoota farra nageenyaarratti qabsaa’uu qabu jedhaniiru.

Nageenya mirkaneessuun cinaattis, qaala’iinsa jireenyaa fi hojii dhabdummaa hambisuu, pirojektoota misoomaa eegalamanii hinxumuramne akka xumuramaniif xiyyeeffannaan akka hojjetaman Afyaa’iin Mana Marichaa Obbo Taaggasaa Caafoon ibsuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.